Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Baatii Sadaasaa dhufu akka eegalamu Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw ibsan.
Obbo Masfin pirojektiin Meeggaa kun indastirii aviyeeshinii Itoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisu beeksisaniiru.
Ijaarsi pirojektichaa Tajaajila Geejjiba Xiyyaaraa Afrikaa irratti Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa gumaacha taasisaa jiru daran akka guddisu himanii jiru.
Ijaarsa eegaluufis haal-dureewwan akka kontiraaktaroota filachuu, jiraachuu dubbataniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad, Pirojektoota Meeggaa Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti eegaltu keessaa tokko ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu akka ta’e, Qaammee 4 Bara 2017 eebba Hidha Haaromsaa irratti beeksisuun isaanii ni yaadatama.