Magaalonni bakka hojii dhabdummaan itti baay’atu ta’uu hin qaban- Aadde Caalttuu Saanii

You are currently viewing Magaalonni bakka hojii dhabdummaan itti baay’atu ta’uu hin qaban- Aadde Caalttuu Saanii

‎AMN PLUS-Fulbaana 9/2018

‎Magaalonni bakka hojii dhabdummaan itti baay’atu ta’uu akka hin qabne Ministirri Misooma Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caalttuu Saanii dubbatan.

Fooramiin Magaalota Itoophiyaa 10ffaan Sadaasa 06-10 Bara 2018 Affaar Magaalaa Samaraatti kan adeemsifamu ta’uu Ministeerri Misooma Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

‎Fooramiin Magaalotaa Itoophiyaa waggaa lama lamaan kan adeemsifamu yommuu ta’u walta’insa Ministeera Misooma Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaafi Bulchiinsa Naannoo Affaar waliin ta’uun mata duree “Guddina Magaalotaa Itoophiyaa Caaltuuf” jedhuun Affaar Magaalaa Samaraatti akka qophaa’u Aadde Caaltuu ibsaniiru.

‎Fooramiin haala kanaan qophaa’uu miira wal-dorgommii magaalota gidduutti uumuun guddina ariifachiisaa akka galmeessan taasisuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabu himaniiru.

‎Haaluma kanaan raawwii hojii magaalonni uwwisa magariisummaa, kalaqa jajjabeessuufi hojii uumuun hojjetan wal-bira qabuun kan madaalaman ta’uu dubbataniiru.

‎Gaaffii bu’uura mana jireenyaa deebisuu keessatti raawwiin hojii magaalotaaulaagaa dorgommii keessaa tokko ta’uu ibsuun fooramiin baranaa magaalota 150 kan hirmaachiisus akka ta’e Aadde Caaltuun eeraniiru.

‎Abdiisaa Fufaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply