Ijaarsi Mana Barumsaa moodeelaa Hararitti eegalame

You are currently viewing Ijaarsi Mana Barumsaa moodeelaa Hararitti eegalame

‎AMN PLUS – Fulbaana 09/2018

‎Ijaarsa mana barumsaa moodeelaa Hararitti eegalameef birriin Miliyoona 540 ol ramadamuu Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa beeksisan.

‎Prezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badirii waliin gahiinsaa fi qulqullina barnootaa naannichaa babal’isuuf waggoota darban hojiiwwan hedduun hojjatamuu kaasanii kanaanis bu’aaleen galmaa’uu dubbataniiru.

‎Manni barumsaa moodeelaa kun waliin gahiinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsuu isaanii TOI’n gabaaseera.

‎Misoomaa fi guddina naannichaa cimsuuf gahee akka qabaatu eerameera.

‎Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa “Dhaloota biyya barnoota ammayyaan ijaaramtee fi beekumsaan badhaate nu harkaa fuudhu horachuun cimee itti fufa” jedhan.

‎Hoogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa Geetuu Nagawoo hojiileen qulqullina barnootaa eegsisuuf jalqabaman bu’aa fidaa jiraachuu ibsanii kana milkeessuuf ijaarsa mana barumsaa moodeelaa gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply