Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoodeetti pirojaktiin jallisii Finnaa birrii biiliyoona 1.7 oliin hojjatamaa ture xumuranuun eebbifamuu isaa ibsame.
Pirojektiwwan rakkoo ummataa furan babal’isuun fayyadamummaa hawaasaa qixa sirrin mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsaniiru.
Pirojektiwwaan finnaa saffisaafi qulqullina ol’aanaadhaan ijaaranii tajaajilaaf oolchuun sochii misooma imala badhaadhinaa sirritti kan tarkaanfachiisuu ta’uus dubbataniiru.