Herregni Baankii namoota 123 uggurame

You are currently viewing Herregni Baankii namoota 123 uggurame

‎AMN PLUS- Fulbaana 9/2018

‎Lakkoofsi herrega Baankii namoota seeraan ala sharafa alaa irratti hirmaachuun shakkamanii 123 ugguramuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii beeksise.

‎Sosochiin maallaqaa shakkamtoota kanneenii dhorkamuunsaa itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuf akka ta’e Tajaajilli Nageenya Faayinaansii ibseera.

‎Fooyyessa Diinagdee Gooroo hordofee namootni hedduun karaa seeraan tajaajila sharafa alaa kennaa jiraachuu eerun, haa ta’uutii, qaamoleen tokko tokko karaa seeraan alaa sharafa alaa raawwachuuf sochii taasisaa jiraachuu hime.

‎Ogeeyyin baankii tokko tokko gocha seeraan alaa kana irratti hirmaachaa jiraachuu hordoffii taasifameen mirkanaa’uu beeksisee jira.

‎Qaamolee kanneen irratti tarkaanfiin akka fudhatamus Tajaajilli Nageenya Faayinaansii hubachiisuu isaa TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply