Dorgommii meetira kuma 5 dubartootaan Biiyaatiriis Chibeetis har’a yoo injifatte rikaardii fageenya adda addaa lamaan warqee injifatachuu Xurunesh Dibaabaa fi lammii Keeniyaa biroo Chiiriyootin qabame ture qooddachuun 3ffaa taati.
Gudaaf Tsegay, Madiinaa Issaa fi Fantaayyee Balaayinaa meetira kuma 5 xumuraa kanneen Itoophiyaa bakka bu’aniidha.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Tookiyootti gaggeeffamaa jiru xumuramuuf guyyaan tokko qofatu hafe. Itoophiyaan hanga ammaatti meedaaliyaa warqee hin milkeessine.
Atileet Tigist Assaffaa fi Yoomiif Qajeelchaa irraa meedaaliyaa meetii, Gudaaf Tsaggaayeefi Simboo Alamaayyoo ammoo meedaaliyaa Nahaasaa warreen argamsiisaniidha.
Har’a ammoo Itoophiyaan dorgommii xumuraa meetira kuma 5 hafe irratti koorniyaa lamaanuu carraa warqee injifachuu qabdi.
Dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira kuma 5 har’a galgala sa’aatii 9:29 irratti ni gaggeeffama.
Fageenya kanaan atileetonni 16 warqee injifachuuf walmorkatu.
Guyyoota muraasa dura dorgommii xumuraa meetira kuma 10 irratti meedaaliyaa nahaasaa kan injifatte atileet Gudaaf Tsaggaayee lammiilee Keeniyaa Biiyaatiriis Cheebeet fi Feez Kipiyegon irraa ammas qormaata cimaatu ishee eeggata.

Atileet Gudaf Tsaggaayee Shaampiyoonaa Addunyaa Budaapeest irratti meetira kuma 10 fi shaampiyoonaa addunyaa Huwujiin irratti meetira kuma 5 kan injifatte yoo ta’u, Shaampiyoonaa addunyaan meedaaliyaa warqee 3ffaa galmeessuuf falmii guddaa taasisti jedhamee eegama.
Madiinaa Issaas atileetii fageenya kanaan muuxannoo qabdu har’a Itoophiyaa bakka buutudha. Dorgommii Shaampiyoonaa Dargaggoota Addunyaa Kolombiyaa fi Peeruutti gaggeeffameen meetira kuma 5 kan injifatte Madiinaa Issaa tibbana ammoo gahumsa gaarii agarsiisaa jirti.
Bara darbe Olompikii Paaris irratti fageenya walfakkaatuun sadarkaa 7ffaa kan xumurte Madiinaa Issaa yeroo lammataaf biyya ishee bakka bu’uun Shaampiyoonaa Addunyaa irratti ni hirmaatti.
Faantayee Balaayinaa atileetii kallattiin dorgommii Daayimandii Liigii bara 2025 irraa dorgommicha qooddattuudha.
Biiyaatiriis Chibeet ammoo Keeniyaarraa seenaa galmeessisuuf dorgomti. Atileetiin Shaampiyoonaa Addunyaa tokko irratti yeroo jalqabaaf meetira kuma 5 fi meetira kuma 10 irratti meedaaliyaa warqee kan injifate Tirunesh Dibaba yoo taatu, lammii Keeniyaa Viviyaan Chiriyoot ammoo seenaa kana irra deebitee jirti.
Rikardii addunyaa meetira kuma 5 kan qabdu Biiyaatiriis Chibeetis Tirunesh fi Chiriyoot hordofuun atileeti sadaffaa fageenya lamaan injifate ta’uuf dorgomti.
Shaampiyoonaa meetira 1,500 Fez Kipiyegon, seenaa Shaampiyoonaa Addunyaa keessatti meedaaliyaa warqee 6ffaa ishee argachuuf kan dorgomtu ta’a.
Dorgommichi har’a sa’aatii 9:29 yoo ta’u adeemsifama.
Misikkir Alamaayyootiin