Awurooppaatti haleellaan saayibarii balalii gufachiise

You are currently viewing Awurooppaatti haleellaan saayibarii balalii gufachiise

AMN PLUS – Fulbaana 10/2018

‎Buufata Xiyyaaraa Heetroowufi biyyoota Awurooppaa biroo keessatti sababaa haleellaa saayibariitiin yeroon balalii akka dheeratu taasifame.

‎Haleellaan kun kompiyutaroota sa’aatii sakatta’iinsaafi imalaa akkasumas meeshaalee imaltootaa ittiin geejjibsiisan miidhuudhaan yeroo balalii dheeressuutu himame.

‎Buufatni xiyyaarichaa hamma sooftiweeriin rakkoo teekinikaa furu hojiirra oolutti sa’aatiiwwan dabalataaf balaliin turuu danda’u akeekkachiiseera.

‎Buufatni Xiyyaaraa Biraasals Beeljiyem keessatti argamuufi Jarmanii Barliin keessatti argamu erga Jimaata galgalaatii rakkoo gufachuu balaliif saaxilamaniiru.

‎”RTX”, Dhaabbatni Eeroospeesii Kooliins rakkoon saayibarii kun uumamuu isaa quba qabaachuu eeruun atattamaan furuuf tattaafachaa jiraachuu beeksiseera.

‎Daandiin Xiyyaaraa Biriteeyin ammaaf akka haleellaa saayibariif hin saaaxilamne BBC fi Rueters hubachuu isaanii ibsuun, Heetroow irraa xiyyaarotni balali’an garuu danqamanii jiraachuu gabaasaniiru.

Dhaabbatni Eeroospeesii Kooliins sababaa haleellaa saayibarii kanaa hin ibsine.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply