Jilli Biskileettii Biyyaalessaa Itooophiyaa Dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa Ruwaandaa Kigaaliitti adeemsifamu irratti hirmaachuuf gara sanatti Imaluu isaa Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise.
Dorgommii Shaampiyoonaa baranaa irratti biyyootni 100 yoo hirmaatan hawwiidhaanis kan eegamu ta’uu ministeerichi ibseera.
Dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa yeroo jalqabaaf Afrikaa keessatti adeemsifamu kun Fulbaana 21 hamma Fulbaana 28’tti akka turu himameera.
Dorgommii Biskileettii Addunyaa irratti hirmaannaan Itoophiyaa dabalaa dhufuu kan ibse ministeerichi atileetota, leenjitoota, makaanikootaafi gaggeessitootni Federeeshinii Biskileettii Itoophiyaa milkiin deebi’uuf akka hojjatan hubachiiseera.