Biiroon Galiiwwanii Finfinnee ogeessota galmee kaffaltoota gibiraa qopheessuun dhiyeessan 13 keessaa dogoggora qabeenya mootumaa dhabsiisuu danda’u ogeessotaafi oodiitaroota raawwatan 10, eyyamni ogummaa isaanii akka haqamuuf gaaffii dhiyeessuu isaa beeksiseera.
Biirichi Dambii Bulchiinsa Taaksii 983/2008 Keeyyata 48 Muraa Xiqqaa 2 (A) irratti hundaa’uun Boordii Herregaafi Ooditii Itoophiyaaf gaaffii kana dhiyeessuu isaa ibsa AMN’f ergeen beeksiseera.
Ogeessotni herregaafi ooditaroorni 10’n kunneen kana dura Boordii kanaan eeyyamni kennameefii ture.
Namootni amma eyyamni isaa akka haqamu gaafatame, bara baajataa 2017tti dogoggora guddaa kan raawwataniifi taaksii dhoksuun faayidaa mootummaan argachuu malu kan dhabsiisan ta’uu beeksiseera.
Biirichi galmee herregaa dogoggorame kana waan hin simanneef boordichi ogeessota herregaafi ooditaroota naamusa hojii isaanii kabajuun amanamummaan hojjataniin akka irra deebiin hojjachiisu hubachiisuu isaa ibsa AMN’f ergeen beeksiseera.