Obomboleettii Ragaasaan lubbuun namoota 17 darbee, miliyoonotni buqqa’an

You are currently viewing Obomboleettii Ragaasaan lubbuun namoota 17 darbee, miliyoonotni buqqa’an

‎AMN PLUS- Fulbaana 14/2018

‎Obomboleettiin rooba cimaa makate Ragaasaa jedhamu kun Taayiwaanitti namoota 17 ajjeesuun gara Chaayinaatti kan darbe yommuu ta’u hanga ammaatti namoota Miliyoona Lamatti dhiyaatan qe’ee isaanii irraa buqqiseera.

‎Chaayinaa Kibbaatti, lafa fottoqsuun ammumaa isinitti dhufe ergaa jedhu waan dabarsu kan fakkaatu Ragaasaan akeekkachiisa cimaa jiraattotaaf dhaamuutu himame.

‎Taayiwaanitti kaleessa irraa eegalee namoota 17 ajjeesuu irra darbee, hedduun kan madaa’an yoo ta’u, bakki isaan ga’an kan hin beekamne ammoo hedduu ta’uu ibsameera.

‎Balaa lolaa obomboleettii rooba cimaa makate “Ragaasaa” sa’aatii Tokko keessatti Kiiloo Meetira 240 ol kaatu kanaan uumameen Bulchiinsi Chaayinaa Kibbaa Guwaandoong yaaddoo hamaa uumeera.

‎Obomboleettiiwwan waggaa kana keessa uumaman keessaa isa balaafamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e moggaasa “Mootii Obomboleettii” jedhu argateera.

‎Qaamoleen nageenyaa bulchiinsichaa jiraattotni akka manaa hin baaneefi eeggannoo akka taasisan ergaawwan akeekkachiisa kennaa jiru.

‎Taayiwaanitti ammoo sochiin namoota badan barbaaduufi bu’uuraalee misoomaa manca’an qulqulleessuu akkasumas bakkatti deebisuu hojjatamaa akka jiran BBC fi Xinhua’n gabaasaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply