Dhimmi Daanii Olmoo ammas hibboo ta’ee itti fufe

You are currently viewing Dhimmi Daanii Olmoo ammas hibboo ta’ee itti fufe

AMN PLUS- Amajjii 20/2017

Pirezidaantiin Laaliigaa Ispeen Haaviyeer Teebaas adeemsa ittiin Baarseloonaan Daanii Olmoo galmeessise adeemsa seeraa kan hin eegne waan ta’eef oliyyannoodhan haqsiisna jedhan.

Deeggaraa Maadiriid jedhamanii kan hamataman gaheessi umrii waggaa 62 Haaviyeer Teebaas galmaa’uu Olmoo ni mormina, dhimmicha salphifnee hin fudhannu, galmechi akka haqamuuf waan dandeenyu hunda ni goona jedhaniiru.

Ragaawwanis walitti qabaa jirra jechuun mandara warra Bulugiraanaa, Baarseloonaatti rifaatuufi yaaddoo obbaafanneerra jedhanitti isaan

deebisaniiru.

Deeggartoonni Baarsaa odeeffannoo kanaan booda miidiyaalee hawaasaa irratti Teebaas duraanuu deeggara Maadiriid ta’uu quba qabna, aangoorraa kaafamuu qabu jechuun duula mormii eegaluu isaaniifi Pirezidaantiin Baarseloonaa Huwaan Laapportaan dhimmicharratti yaada ni kennu jechuun Kaadeenaa Deenaaseer gabaaseera.

Ibsaa Xurunaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply