Anniisaan Niwukilaraa akkamiin qonnaa jijjiira?

You are currently viewing Anniisaan Niwukilaraa akkamiin qonnaa jijjiira?

AMN PLUS- Fulbaana 18/2018

Warshaalee Xaa’oofi Agiroo Industirii gurguddoof anniisaa gahaa dhiyeessuurraa kaasee hanga jallisiiwwan gurguddoofi qorannoo akaakuwwan sanyii filatamootti, Gabbisni Niwukilaraa akkamiin qonna biyya keenyaa ceesisa?

Addunyaa irraa biyyootni 31 buufata anniisaa niwukilaraa ijaaruun faayidaalee garaa garaaf itti dhimma bahaa jiru. Afriikaa irraa ammoo Afriikaa Kibbaa qofaatu qaba. Itoophiyaan Sagantaa Gabbisa Niwukilaraa kaayyoo misoomaaf oolu ijaaruuf imala eegalteetti.

Waliigalteen Raashiyaa waliin mallatteeffame kana dhugoomsuuf tarkaanfii jalqabaa yoo ta’u Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dhimmicha irratti Ejensii Anniisaa Atoomawaa Addunyaa waliinis walhubannoorra gahaniiru.

Dooktar Abiyyi torbee Foramii Atoomikii Addunyaa Raashiyaatti qoohaa’e irrattis “Itoophiyaan Niwukilara kan gabbistu anniisaaf, wal’aansa fayyaaf, qonna ammayyeessuuf, hubannaa namtolchee fi guddattoota saayinsiifi teekinooloojiin ga’ooman horachuuf ta’uu ibsanii turani. Maarree misoomni Niwukilaraa kun akkamiin qonna Itoophiyaa ceesisa laata?

Qorannoon Yuunivarsiitii Istaanfoorditti dhiyeenya taasifame, oomisha sanyiiwwan filatamoo, akaakuuwwan midhaanii fooyyessuutii hanga warshaalee xaa’oo utubuutti anniisaan Niwukilaraa shoora guddaa akka qabu eera.

Qorannoon biraa Yuunivarsitii Kaambiriijitti taasifames, anniisaan niwukilaraa damee qonnaa keessatti oomishtummaa dachaa akka dabalu daataa Amerikaafi Biyyoota Awurooppaa irraa sassaabeen bara 2022tti ifoomseera.

Akka odeeffannoowwan agarsiisanitti Anniisaan Niwukilaraa karaalee gurguddoo lamaan qonna utubu. Inni jalqabaa, pirojektiiwwan jallisii gurguddoo kan agiroo industirii of cinaa qabaniif anniisaa gahaa kennuun oomishni qonnaa galtee dabalataan fayyadamaaf dafee akka dhiyaatu gargaara.

Warshaaleen xaa’oo anniisaa gahaa qabaatanii oomisha walitti fufiinsaa akka oomishan deeggara. Akkuma yaadattan Itoophiyaan baatii Hagayyaa kana Warshaa Xaa’oo doolaara biiliyoona 2.5n ijaaramu ifoomsiteetti. Maarree anniisaan niwukilaraa kun Oomishaalee xaa’oo Amooniyaa fi Foosfarasii sirnaan akka oomishaman gargaara.

Inni lammataa ammoo qorannoo sanyii midhaanii fooyya’oo keessatti shoora olaanaa akka qabuudha qorattoonni kan himan. Adeemsa Carallaatiin (Radiation) akaakuu sanyii midhaanii oomishtummaa olaanaa kennu arfachuuf niwukilaratti dhimma bahama.

Sanyiiwwan mudhaanii mala diqaalomsuun argaman ammoo haala qilleensaaf akka mijaa’anitti akkasumas dhibee kan dandamatan argachuuf gargaara. Kana malees qabiyyee nyaataa gabbataa kan kennan sanyiiwwan filatamoo qorachuufillee ni gargaara jedhu qorannoowwan yuunivarsitiiwwan lameeniin maxxanfaman.

Shoorri niwukilarri qonna keessatti qabu ka biraan ilbiisaafi dhibeewwan midhaan huban to’achuu yoo ta’u keemikaala naannoo miidhu malee mala sanyiiwwan ilbiisaa carallan rukuchuun (Sterile Insect Technique) midhaan irraa ittisa.

Gama buraanis humni niwukilaraa kun biyyeefi bishaan sirnaan faayidaaf akka oolan gargaaruu, oomishni sassaabame osoo hin samin yeroo dheeraaf turee fayyadamaa bira akka gahu taasisuu, oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu fa’a keessatti faayidaa olaanaa kenna.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply