Fooramiin Irreechaa 7ffaa Magaalaa Bishooftuu, Galmaa Harsadeetti taa’amaa jira.
Fooramichi mataa duree” Irreechaa Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun sirnoota garaagaraa keessummeessaa jira.
Fooramiin kanaa irrattis hoggantootaa olaanoo, Abbootii Gadaafi haadholii Siinqee, hayyoota, Qeerroofi Qarree magaalaa Bishooftuu dabalatee keessummoonni garaagaraa irratti hirmaata jiru.
Sagantaa kana irrati Sirbootafi dhiichisni aadaa Oromoo kan dhiyaata jiru yoo ta’u hirmaattonnis uffata aadaan faayamuun simboo addaan hirmaata jiru .
Sagantaa kana irrattis ergaan hoggantootaa olaanoo ni darba jedhamee eegama.
Dirribaa Yaadataatu gabaase