Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Irreecha barana kabajamuuf jiru ilaalchisuun ergaa “Baga Ittiin isin gahe” jedhu dabarseera.
Manni Marichaa ibsa hawwii gaarii AMN’f ergeen Itoophiyaan saboota, sablammootaa fi ummatoota hedduu kan qabdu, biyya amantaa hedduu, akkasumas fakkeenya tokkummaa fi wal danda’uu ta’uu ishee eereera.
Manni Maree paartilee siyaasaa morkattoota ta’an 17 of keessatti hammate kun Wal qixxummaa aadaatti kan amanu ta’uu ibsuun, ayyaanotni amantaafi uummataa yoo kabajaman ibsa baasuu dabalatee deggersa barbaachisaa taasisuun akka gumaachi beeksiseera.
Irreechi duudhaalee araaraa fi dhiifamaa, tokkummaa fi wal danda’uu, jaalalaa fi kabaja, abdii fi hawwii gaarii of keessatti qabatu ta’uus yaadachiiseera.
Manni marichaa uummata Oromoo maraa fi kanneen ayyaana Irreechaa baranaa irratti hirmaatan hundaaf “Baga Ittiin isin gahe” jechuun ergaa dabarseera.