Mootummaan waadaa gochaan ibsuun imala Olka’iinsa Itoophiyaa milkeessaa jira – TKM

You are currently viewing Mootummaan waadaa gochaan ibsuun imala Olka’iinsa Itoophiyaa milkeessaa jira – TKM

AMN Plus – Fulbaana 23/2018

Mootummaan waadaa gochaan ibsuun Olka’iinsa Itoophiyaa milkeessaa jira jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Ergaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa akka itti aanutti dhiyaateera. Mootummaan waadaa gochaan ibsuun imala Olka’iinsa Itiyoophiyaa milkeessaa jira.

Mootummaan jijjiiramichi dhugoomuu irraa eegalee waadaawwan gale raawwachaa, Itiyoophiyaa gara olkaa’iinsa maluufitti baasuuf imala badhaadhinaa miidhagsaa jira.

Mootummaan federaalaa mula’ata waggaa dura mataduree “Bara 2018 ifa abdii irraa gara ifa qabatamaatti ni ceena” jedhuun ibsame hojii qabatamaan argisiiseera.

Birmadummaa nyaataa mirkaneessuufis fageenya dheeraa deemneerra, maaddii guutuun, qonna gannaan, Ashaaraa magariisaa fi jallisii boneen deeggeramuun injifannoowwan gurguddoon galmaa’aniiru. Bifa magaalotaa jijjiiruuf hojiiwwan hojjetamaniin magaalonni 70 ol ta’an haalli isaanii baay’ee jijjiirameera.

Sirni dhabamsiisa dhangal’aa, itti fayyadamni daandii lafoo fi konkolaattotaa, babal’inni bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaanii, bilbilaa, elektirikaa fi kkf hojii misooma koriidarii magaalotaan baay’ee akka ammayyeeffaman ta’eera, ta’aas jira.

Yaadamni fi sirni qulqullina eeguu baay’ee jijjiiramaa dhufeera.

Finfinnee dabalatee magaalota keenya Afrikaaf fakkeenya akka ta’aniif hojjetamaa jira. Dhiyeessii humna haareffamaa milkeessuuf galmi qabames Hidha haaromsaa jijjiirama seenessaa fideen dhugoomeera.

Itoophiyaarra darbee Afrikaa fi addunyaa biraaf deeggersa maallaqaa tokko malee pirojektota gurguddoo waloon milkeessuun akka danada’amu Hidhi Haaromsaa fakkeenya nuuf ta’eera.

Ministirri Muummeen keenya eebba Hidha Haaromsaa irratti pirojektonni gurguddoon biroo akka eegalaman, xumuramaa kan turanis akka eebbifaman waadaa galuun isaanii kan yaadatamuu dha.

Kunoo, pirojeektonni gurguddoon olka’iinsa Itiyoophiyaa ariifachiisan kan akka waarshaa gaazii uumamaa eebbifamaniiru; ijaarsi waarshaa dhimbiibbaa bob’aa fi waarshaa xaa’oo biyyee ni eegalame.

Itoophiyaan humna niwukileeraa misooma naga qabeessaaf oolchuuf waliigaltee mallatteessite; dhaabbilee idil addunyaa irraas deeggersa argatte.

Kun hundi muuxannoon waadaa gochatti jijjiiruu kan fide, amantaa dhaabbilee idila addunyaa fi uummataa argachuun kan itti danda’ame, bu’aa tattaaffii mootummaa ti.

Mootummaan keenya ammas milkaa’inoota galmaa’anitti quufee kan rafu miti. Imala badhaadhina Itoophiyaa jala jalaa milkeessaa, fedhiiwan guddachuu danda’an uumaa, badhaadhina caaluuf cimee itti fufa.

Dhaloota miindaa malee idaa hindhaalchifnu jechuunis Itiyoophiyaa dhamaatii waloo ijoollee isheen badhaateefi fakkeenya taate ijaaruun kalaqa, ariitii fi cichoomina olaanaan itti fufa.

Itoophiyaa addunyaa abdii haaraa!

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply