Hojiileen Misooma Koriidariifi misooma qindaawaa magaalaa eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee ibsan.
Pirezidaant Taayyeen kallattii hojii mootummaa FDRI bara 2018 ilaalchisee ibsa manneen maree lamaaniif kennan irratti mootummaan hojii koriidariifi misooma magaala qindaawaatiin hojii dinqisiifatamu hojjachuu ibsuun, rakkoo mana jireenyaa jiraattota magaalaa hiikuuf dhaabbilee dhuunfaa waliin hojjachuu akka itti fufu beeksisaniiru.
Tajaajiloota uummatni magaalaa argachuu malu garaa garaas akka dhaqqabamaa ta’aniif bu’uuraalee misoomaa akka bishaanii, daandii ibsaafi kanneen biroo caalaatti waliin gahuuf akka hojjatamullee ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin