Manni Barumsaa Bultii addaa Dodolaa barattootni isaa qaxalee akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisan 16 Insititiyuutii Teekinooloojii Shaggar (SIT) seenuu beeksise.
Daayirektarri mana barumsichaa Barsiisaa Deettuu Diboo, barataan qabxii olaanaa akka biyyaatti 591 galmeesse Kaaliid Bashiriifi barattootni Saayinsii uumamaa biroo qabxii olaanaa fidan Inistitiyuutii Teekinooloojii Shaggar (SIT) galuu isaaniitti gammaduu turtii AMN Diijitaal waliin taasisaniin ibsaniiru.
Barattoota 125 guutummaatti qormaata kutaa 12ffaa bara 2017’n milkaa’an keessaa, barattootni saayinsii uumamaa 47, kan saayinsii Hawaasaa 25 Yunivarsiitiiwwan Finfinneefi Adaamaa seenuun himan.
Barattootni hafanis gosa barnoota barbaadaniin fedhii isaanii irratti hundaa’uun Yunivarsiitiiwwan Teekinooloojii lamaan seenuu isaanii B/saa Deettuun ibsaniiru.
Bu’aa cichoominaa barattootaafi barsiisotaan barattoota 125’nuu yunivarsiitii seensifachuu danda’uun keessumaa dhaaabbata barnootaa teekinooloojii olaanaa akka SIT itti barsiisuuf erguu caalaa waan gammachiisaa akka hin jirre kan dubbatan yoo ta’u, barans caalaatti onnatanii hojjachuuf kan isaan qopheesse ta’uu himanii jiru.
SIT barattoota 250 akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessan gosoota barnootaa Electrical Engineering, Mechanical Engineering, Artificial Intelligence, Biotechnology, Space Science fi Engineering, akkasumas Nuclear Engineering’ dhaan leenjisuuf Fulbaana 26 bara 2018 simachuu isaa beeksiseera.
Barattootni kunneen egeree Itoophiyaafi addunyaa keessatti gama teekinooloojiifi kalaqaan gumaacha isaanii akka ba’ataniif haala adda ta’een barsiisee gahoomsuufi mul’ata barnootaan biyyattiin qabatte milkeessuuf akka hojjatu ibseera.
SIT ibsa simannaa barattootaa irratti baaseen barattoota saayintistii, injinaroota, gaggeessitoota teekinooloojii ta’an, beekumsaafi ogummaa akkasumas kalaqaan gahoomsuun egeree Itoophiyaa ijaaruuf kaayyeffachuu isaa hubachiiseera.
Malkaamuu Abbabaatu gabaase