Daballii mindaa haaraa kaffaluuf qophii xumureera- Biiroo Maallaqaa Finfinnee

You are currently viewing Daballii mindaa haaraa kaffaluuf qophii xumureera- Biiroo Maallaqaa Finfinnee

AMN PLUS- Fulbaana 30/2018

Biiroon Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee daballii miindaa hojjettoota mootummaa baatii Fulbaanaarraa kaasee hojiirra oolu kaffaluuf qophii xumuruu beeksise.

Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Maallaqaa Finfinnee Obbo Abdulqaadir Reedwaan mootummaan qajeelfama raawwii kaffaltii miindaa haaraaf mallaqa birrii biiliyoona 7.7 magaalaa Finfinneef waan gadhiiseef kaffaluuf qophii xumuruu himan.

Biiroon Pabliik Sarviisii Finfinnees qajeelfama raawwii kana waan isaaniin gaheef daballii miindaa baatii Fulbaanaa, yoo baay’ate haga Onkoloolessa 15tti akka kaffalu Biirichi ibsa AMN’f ergeen beeksiseera.

Mindaan baatii Fulbaanaa waan kaffalameef adda addummaa kaffaltii kana walakkeessa Onkoloolessaatti kaffaluun, mindaan Onkololeessaa ammoo daballi haaraan kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply