Hojiin misoomaa hedduun bifa lakkaa’amuu fi qabatamaan magaalaa finfinneetti hojjetamaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN – Sadaasa 10/2017

Hojiin misoomaa hedduun bifa lakaa’amuu danda’uu fi qabatamaan Fagaalaa Finfinneetti hojjetamaa kan jiru ta’uu kantiibaa Adaanech Abeebee himan.

Kantiibaa Adaanech Yaa’ii idilee 1ffaa waggaa 4ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee har’a gaggeeffame jiru irratti gaaffilee miseensota mana maree irraa ka’aniif deebii kennaniin hojiin misoomaa walitti fufinsaan rawwatamaa jiraachuu isaa ibsaniiru.

Itti dabaluun gaaffiin ummata Magaalaa Finfinnee misoomaa fi misooma qofaa ta’aa dhufeera kan jedhan kantiibittiin, kana mirkaneessuuf yaada jiraattotni dhimma misoomaa ilaalchise waltajjii gara garaa irratti kaasan ilaaluun gahaa dha jedhan.

Gaaffiin hawaasaa misoomaa qofa ta’uun isaa baay’ee kan nama onnachiisu ta’uus himan.

Misoomni amma dhufaa jiru kun kan hawaasni bal’aan irratti hirmaachaa jiru ta’uu isaa aadde Adaanech kaasaniiru.

Gaaffii misooma deebisuu keessatti abbotiin qabeenyaas shoora olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply