Finfinneetti Lammiilee Kuma 96 oliif Carraan Hojii Uumamuu ibsame

You are currently viewing Finfinneetti Lammiilee Kuma 96 oliif Carraan Hojii Uumamuu ibsame

AMN PLUS- Onkoloolessa 1/2018

Lammiilee Kuma 96 oliif Carraan Hojii Uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa bara baajataa 2018 ilaalchisuun Itti Gaafatamtoota Waajjiraalee Carraa hojii uumuufi Ogummaa kutaa magaalotaa fi qooda fudhatoota waliin mari’achaa jira.

Maricha irratti Sadarkaa Kantiibaa Itti aanaatti Hoogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Finfinnee, Obbo Xiraatuu Bayyanaa “Karoora bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaatti qabanne %100 ol milkeessuu dandeenyaarra” jedhan.

Haaluma kanaan, Bara baajataa kana kurmaan tokkooffaatti, Lammiilee kuma 77 fi 500’f carraa hojii uumuuf karoorfamee, lammiilee kuma 96 fi 210’f carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuun danda’amaeera jedhan.

Kana malees lammiileen kumni 15 fi 916 Leenjii ga’aa erga fudhatanii booda, carraa hojii biyya alaa argachuun ibsameera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply