Tattaaffii biyya jijjiiruuf taasifamu keessatti qormaatni guddaan ilaalchadha- Obbo Geetaachoo Raddaa

You are currently viewing Tattaaffii biyya jijjiiruuf taasifamu keessatti qormaatni guddaan ilaalchadha- Obbo Geetaachoo Raddaa

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 01/2018

‎Adeemsa biyya jijjiiruuf taasifamu keessatti qormaatni mudatu inni guddaan rakkoo ilaalchaa ta’uu Gorsaan Ministira Muummee Dhimmoota Baha Afrikaa Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan.

Dooktar Abiyyi ‎Misooma kooriidarii fi manneen jireenyaa Baadiyyaa Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa godinaalee 4 keessatti ijaaramuun fayyadamtootaaf dabarsanii erga kennanii booda marii anga’oota federaalaafi Naannoo wajjin taasisan irratti Obbo Geetaachoon hirmaataniiru.

Hojii Baadiyyaa ceesisuuf eegalame kanatti guddaa gammaduu kan himan Obbo Geetaachoon, ciminaan hojjannaan bakka qulqulluufi mijataa uumuun akka danda’amu kun agarsiistuu akka ta’e eeran.

‎Humna ofiifi qabeenya ofiin keessumaa waanuma naannootti argamu irraa hojiiwwan hawwatoo fi haala jireenyaa hawaasaa jijjiiran hojjachuun danda’amuu ibsuun, milkaa’ina hojii kanaaf ammoo ciminni hooggansaa hordofuufi deggeruun taasisan olaanaa akka ta’e ibsaniiru.

‎Pirojektootni kunneen akka babal’ataniif qaamoleen garaa garaa itti gaafatamummaa isaa fudhatanii akka hojjatanis yaadachiisaniiru.

‎Baadiyyaa waan hundumtuu argamu keessatti quucaruun waan hin malledha jechuun madda nyaata madaalamaa ooyiruu qonnaan bultootaati jedhan.

Albeen hookkaraaf osoo hin taane, hojii qonnaa ittiin cimsanii hojjachuuf ka’uu qaba jechuun dhaaman.

Hundumtuu nagaafi badhaadhinni akka mirkanaa’uuf tumsuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply