AMN PLUS- Onkololeessa 02/2018
Oromiyaa Bahaafi Naannoo Afaar jidduutti argama- Paarkiin Biyyaalessaa Awaash.
Finfinneerraa kiiloo meetira 225 fagaatee kan argamuufi Paarkii umrii dheeraa akkasumas bineensotaafi simbirroota heddu kan of keessaa qabuudha.
Simbiroota gosa 300 ol qaba
Fincaa’aa Awaash (Awash Falls) – bishaan jabaan laga Awaash irraan gad bu’ee bakka bareedaa uuma.
Tulluu Fentaallee – tulluu ibiddaan duraan holqa ture; irraa lafa bal’ina bosonichaa hunda ilaaluu ni dandeessa.
Hora Ho’aa – bakka bishaan ho’aa uumamaan itti bahu, muka harbuu jala qubatee boqonnaaf mijataa ta’e.