AMN Plus – Onkoloolessa 05/2018
Ministirri Muummee Keeniyaa duraaniifi siyaasa Keeniyaa keessatti shoora olaanaa taphachaa kan turan Raayilaa Odiingaa lubbuun boqotan.
Odiingaan biyya Hindiitti deemsa miillaa taasisaa osoo jiranii tasa kufuun dhibee Onneetiin lubbuun darbuu The Hinduun gabaaseera.
Bara kana Komishinara Komishinii Gamtaa Afriikaa ta’uuf dorgommii taasisanii akka hin milkoofne ni yaadatama.
Filannoo Pirezidaantummaa Keeniyaa keessattis yeroo 5f dorgomuun morkataa cimaa ta’uun siyaasa Keeniyaa keessatti shoora taphachuutu himamaaf.