Seeronni Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf deggeran jiru- Ogeessa Seeraa Maaruu Abdii

You are currently viewing Seeronni Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf deggeran jiru- Ogeessa Seeraa Maaruu Abdii

‎AMN Plus- Onkoloolessa 6/2018

‎Seeronni utubaa jajjabaa qaban, Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf deggeran jiru jechuun Ogeessa Seeraa fi Abukaatoo Maaruu Abdii dubbatan.

‎Biyyi Galaana lama gidduu Itoophiyaan Aksum irraa eegalee mootummoonni bulchaa turan ulaa galaanaatti fayyadama kan turaniifi, seenaa ijaaramnii fi uumamni ishee guyyaadhaan osoo hin ta’in uumamaan galaana waliin hidhata qaba jedhan.

‘Ajandaa AMN Plus’ irratti yaada kan kennan ogeessi seeraafi Abukaatoo Maaruu Abdii, ‎Seeronni yaroo koloniin diigamanii kan biyyooti addunyaa ittiin waliin buluuf baasanu ”Veenaa Konvenshin” addunyaa tasgabbaa’aa fi nagaa qabdu keessa jiraachu kan jedhamu bara 1903 irraa kaasee hojii irra ooluu ibsaniiru.

Seerri biroo akka Itoophiyaan ulaa galaanaa argatuuf gargaaru xumuramuu lola addunyaa 2ffaa booda yaroo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hundaa’e seeronni bahan kan gargaaran ta’uus tuqaniiru.

‎Kunis hundeeffama sana irratti ”Law of Sea” yookaan seera galaanaa jedhamuun bahe sun ifatti biyya keenya gargaaruuf humna qabaachuus Oeessa Seeraa fi Abukaatoo Maaruu Abdii ibsaniiru.

‎Seerri bahe kunis utubaalee gurguddoo sadii of keessaa qaba; Utubaaleen kunis wal-qixxummaa, bilisummaa fi sarbamuu dhabuu dha jedhan.

‎Kana irraa kaasee gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa gaaffii biliisummaa, fayyadamummaa wal-qixxummaa fi gaaffii ishee kanaaf sarbamuu dhabuun mirga qabaachuu ibsaniiru.

‎Egaan biyyattii keessatti qaamoleen ijaaramanii yaada isaanii qaama deebii kennuu danda’utti gurgurachuu qabu jechuun dubbataniiru.

‎Itoophiyaan utubaalee kanarraa ka’uudhaan ‎gaafilee bu’uura seeraa godhatan kaasuudhaan, dhaabbattoota gaaffii kanaaf iddoo kennan gaaffachuun abbaa qabeenyummaa Itoophiyaaf deebii kennuu waan danda’aniif itti gaafatamummaa qaban irratti shoora guddaa ba’achuu akka qaban ni eegama jechuun turtii AMN Plus waliin taasisaniin himaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply