Adeemsi ajandaa walitti qabuu diyaaspooraa milkaa’inaan xumurameera- Koomishinicha

You are currently viewing Adeemsi ajandaa walitti qabuu diyaaspooraa milkaa’inaan xumurameera- Koomishinicha

AMN PLUS- Onkoloolessa 7/2018

Adeemsi ajandaa walitti qabuu diyaaspooraa biyyoota jahatti adeemsifamaa ture milkaa’inaan xumuramuu Koomishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Afirikaa Kibbaa, Ameerikaa Kaabaafi Kaanaadaa dabalatee hawaasa diyaaspooraa biyyoota garagaraatti argamanirraa ajandaan walitti qabamuu Dubbi-himaan Koomishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa ajandaawwan akka biyyaatti garaagarummaa yaadaa uumaniiru jedhan adda baasuun Koomishinichaaf dhiyeessuus dubbatan.

Ajandaa Naannoo Tigiraayirraa walitti qabuuf yaaliiwwan taasifaman itti fufuus kaasan.

Adeemsi ajandaa walitti qabuu biyya keessaafi alaa gara xumuraatti dhufuu hordofee ajandaawwan walitti qabaman qindeessuun yaa’ii waliigalaa marichaaf haaldureewwan barbaachisan xumuramaa jiraachuus dubbataniiru.

Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply