Fooramiin Xaanaa 11ffaan Onkoloolessa 14 hanga 16tti taa’ama

You are currently viewing Fooramiin Xaanaa 11ffaan Onkoloolessa 14 hanga 16tti taa’ama

AMN Plus – Onkoloolessa 08/2018

Fooramiin Xaanaa 11ffaan marsaa 1ffaan Baahir Daaritti marsaa 2ffaan ammoo Finfinneetti Onkoloolessa 14 hanga 16tti taa’ama.

Qopheessitootni Foramii Xaanaa, dhimmicha irratti midiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsicha kan kennan Ministeera Dhimma Alaatti Itti gaafatamaan Dhimmoota Afriikaa Ambaasaaddar Zarihun Abbabaa, fooramicharratti dhimmoota nageenya Afriikaa eegsisuu danda’an irratti mariin kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Fooramii kana irratti dureewwaniifi hoggantoonni biyyoota Afriikaa garaagaraa ni hirmaatu jedhamee eegama.

Wangeel Faqqadaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply