Xumuramuun hidha Haaromsaa, bu’uraalee misooma daandii baaburaatif carraa guddaadha jedhame

You are currently viewing Xumuramuun hidha Haaromsaa, bu’uraalee misooma daandii baaburaatif carraa guddaadha jedhame

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 8/2018

‎Xumuramuun hidha Haaromsaa, bu’uraalee misooma daandii baaburaatif carraa guddaa akka ta’e Itti Aanaan Hoji Raawwachisaa Olaanaa Korporeeshinii Daandii Baaburaa Itoophiyaa Silashii Kaasaa ibsan.

‎Daandiin baabura Itoophiyaa humna ibsaatiin tajaajila kennuu kan jalqabe carraa humna ibsa hidhi haaromsaa fidee dhufutti sirritti akka fayyadamus ibsaniiru.

‎Ammatti tajaajila irra kan jiruufi gara fulduraattis bakkeewwan biraatti daandiwwan baaburaa babal’isuuf karoora qabame milkeessuuf hidhi haaromsa carraa guddaadha uumas jedhaniiru.

‎Obbo Silashiin akka ibsanitti kutaalee biyyatti kallatti adda addaatti daandiwwan baaburaa 8 diriirsuuf korpreeshichi karoorsuu isaa dubbataniiru.

‎Daandiin ijaarsa baaburaa kun yoo xumuramee biyyatti kallatti afraniinuu kan wal qunnamsisu ta’uus ibsaniiru.

‎Yeroo itti aanutti bu’uraaleen misooma daandiwwan baaburaa % 80 ol kan ta’u humna biyyattitiin hojjechuuf kan karoorfame yoo ta’u, pirojektiwwaan yaalii tokko tokko akka eegalame himuu isaanii TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply