Morookoon Arjentiinaa injifachuun Shaampiyoonaa taate

You are currently viewing Morookoon Arjentiinaa injifachuun Shaampiyoonaa taate

AMN Plus- Onkoloolessa 10/2018

Waancaa Addunyaa Umrii 20 gadiin Morookoon Arjeentiinaa 2-0’n injifachuun Shaampiyoonaa taate.

Waancaa Chiiliin qopheessite kanaan Morookoon Firaansiin injifachuun xumuraaf ga’uunshee ni yaadatama.

Tapha xumuraa kanaan gooliiwwan injifannoo lameen Yaasir Zabiiriitu lakkoofsise.

Zabiiriin dorgommichaan goolii olaanaa 5 lakkoofsisee badhaafamaa kophee warqee ta’eera.

Morookoon Gaanaatti aantee biyya 2ffaa waancaa addunyaa Umrii 20 gadii injifatte taateetti.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply