AMN Plus – Onkoloolessa 17/2018
Ministirii Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) guyyaa boruu gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennu.
Manni Marichaa guyyaa boruu ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree 6ffaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti ni taa’a.
Walga’ichaan haasawaa baniinsaa Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaaseen Fulbaana 26, 2018 walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti taasisan hordofee gaaffilee miseensa mana marichaarraa ka’aniif Dooktar Abiyyi Ahimad deebiifi ibsa ni kennu.
Kana hordofees manni marichaa ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshinii deeggarsaa ni raggaasisaan eegama.
Adeemsi walga’ichaas tamsaasa kallattiin kan darbu ta’uu manni marichaa Faanaa Dijitaaliif ibseera.
Walga’ii kanarratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Finfinneetti argaman, hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, bakka buutonni paartilee dorgomtootaafi keessummoonni biroon ni argamu jedhameera.