AMN PLUS Waxabajjii 27/2017
Abbaan Taayitaa Bittaafi Bulchiinsa Qabeenyaa mootummaa hojii riifoormii sirna bittaafi bulchiinsa qabeenya Mootummaa ammayyeessuuf akka dhaabbatatti bara 2014 irraa eegalee hojjate ilaalchisuun waltajjii hubannoo uumuu hooggansaafi Ogeessota miidiyaaf kenneera.
Abbaan taayitichaa adeemsa bittaa qabeenya mootummaa karaa harcaatii qabuun kana dura raawwatamaa ture ammayyeessuuf sirna bittaa Elektironiiksii E-GP misoomsuun bara 2014 irraa eegalee hojiirra oolche qisaasama qabeenyaafi maallaqaa guddaa hanbisaa jiraachuun gahee Olaanaa taphachuu isaa Daayirektarri Abbaa Taayitaa bittaafi bulchiinsa qabeenya mootummaa Aadde Masarat Masqalee himaniiru.
Bara baajataa 2017tti bittaa qabeenya mootummaa karaa sirna bittaa elektironiksiin bittaa birrii biiliyoona 300fi biiliyoona 8 miiliyoona 500 raawwachuu isaa Abbaan taayitichaa beeksiseera.
Sirni bittaa elektirooniksii dhaabbilee federaalaa 9 irratti hojii kan eegale yoo ta’u, yeroo ammaa dhaabbilee 169 irratti hojiirra ooluun sirni bittaa qabeenya mootummaa karaa iftoomina qabuuniifi karaa qisaasama qabeenyaafi yeroo hir’iseen raawwatamaa jiraachuu Abbaan taayitichaa ibseera.
Abbaan Taayitichaa bara baajataa 2018tti imala dijitaal Itoophiyaa dhugoomsuuf akka biyyaatti eegalame cimsuun dhaabbilee sirna bittaa elektironiiksii EGP keessa hin galle akka galan taasisuuf hojiin jabaan kan hojjatamu ta’uu ibsameera.
Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase