Abbayyaan Warqiis fuudhee deemaa ture- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Abbayyaan Warqiis fuudhee deemaa ture- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

‎AMN PLUS – Hagayya 26/2017

Lagni ‎Abbayyaa bishaaniifi biyyoo qofa osoo hin taane Warqiillee haxaawee deemaa akka ture Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) himan.

‎Dooktar Abiyyi, Gorsaa Dhimma Hawaasummaa Diyaaqon Daani’eel Kibrat waliin waa’ee Hidha Haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti turtii taasisaniin, Abbayyi kuufama biyyoo keenya qofa guuree deemaa hin turre, Warqiifi Qurxummii keenyas malee” jechuun dubbatan.

‎Hidhi Haaromsaa xumuramee eebbaaf qaqqabuun gammachuu guddaa misiraachoo lammiilee biyyattiif ta’u akka ta’e kan ibsan Ministirri Muummee, xiiqiin barootaa milkaa’ee, ifti obboloota hedduuf bahuun miira addaa akka uumu ibsaniiru.

‎Waggoota hedduuf moototni hedduu hidha kana asumatti hambisuuf yaadanii sababoota itti hin milkoofne keessaa, hanqina Maallaqaa, dandeettiifi haalli siyaasaa naannichaa eyyemuu dhabuu akka sababaatti kan kaasan Abiyyi (Dr.)

‎Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa sadarkaa kanarra gahuun isaa Cichoominaafi gahumsa Uummata Itoophiyaa kanan ittiin hubatan tahuu akkasumas yoo wal hubannoofi ida’amuutiin hojjatan sadarkaa kamirra illee gahuun akka danda’amu kan ittiin hubatan tahuu ibsanii jiru.

‎Lagni Abbayyaa kanaan dura Bishaaniifi kuufama biyyoo qofa guuree waan deemu fakkaatu, duraan xiiqii guddaa uumee ture, amma garuu yeroo hidhi haaromsaa xumurame kanatti yeroo qoratamu, Warqeefi Qurxummii illee guuree akka deemaa ture bira gahuu isaanii ibsanii jiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply