Abbootiin Gadaa imala gara Horaatti osoo hin eegalin dura akkamiin eebbifatu?

You are currently viewing Abbootiin Gadaa imala gara Horaatti osoo hin eegalin dura akkamiin eebbifatu?

‎AMN PLUS- Fulbaana 24/2018

‎Yaa waaq-bobaa kee jalatti nu baadhu

‎Yaa waaq-dugda keetti nu baadhu

‎jilli kun nagaan haa hobba’u

‎Gadaan gadaa milkii haa ta’u

‎Yaa’iin kun yaa’ii nagaati

‎Irreechi irreecha nagaati

‎Tokkummaan tokkummaa nagaati

‎Waligalteen waligaltee nagaati

‎Irreecha kanarratti nu milkeessi

‎Birraan kaadhimaadha kaadhimaa kana nu ofkalchi

‎Irreechi nagaadha nagaan bobbaasi galchi

‎Gaarii wajjiin nu oolchu

‎Mana nagaati dhufnee mana nagaatti nu galchi

‎Namni nagaa haa ta’u

‎saani nagaa haa ta’u

‎Biyya keenya nagaa taasisi

‎Waraana hamaa nurraa qabi

‎Kan wal-dhabe haa araaramu

‎Qe’een keenya nagaa haa taatu

‎Hamaa nurraa qabi

‎Toltuu nutti qabi

‎Itoophiyaa nageessi

‎Araddaa nageessi

‎Nagaa dhugaa nu godhi

‎Barri bara nagaa

‎Gadaan quufaa Gabbina

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply