Adaamaatti Wiirtuun Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo tajaajila saffisiisaa jira

You are currently viewing Adaamaatti Wiirtuun Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo tajaajila saffisiisaa jira

AMN PLUS- Onkoloolessa 17/2018

Adaamaatti wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo kenniinsa tajaajila saffisiisaa akka jiru ibsameera.

Itti Aanaa Kantiibaafi Qindeessaan Kilaastara Tajaajilaa Magaalaa Adaamaa Obbo Nigaatuu Mootummaa, Wiirtuun Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo deddeebii abbaa dhimmaa hir’iseera, abbaa dhimmaa harka laaluu, tajaajila walbeekumsaan kennamu hambiseera, giddu seentummaa daldala lafaafi investimantiin wal-qabatee mul’ataa tures furuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira jedhan.

Kana malees, murteen seektera qindoominaa keessatti akka furamuuf carraa guddaa fiduu, aadaan tajaajiltummaa akka guddatuufi naamusni hojii akka kabajamuuf shoora olaanaa taphateeras jedhan.

Gama biraatiinis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo kun baay’ina tajaajilamaa mootummaa akka baramuuf carraa uumuus Obbo Nigaatuun himaniiru.

Bu’a qabeessummaan wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo kun olaanaa waan ta’eef akka Magaalaa Adaamaatti tajaajiloota wiirtuu kanaan kennaman babal’isuun caalmaaan hawaasatti dhiyaachuuf damee wiirtuu kana jalatti hojjetu sadii dabalataan horachuuf hojjetamaa jiraachuus Obbo Nigaatuun ibsaniiru.

Fulbaana bara 2018 seektaroota Magaalichaa 29 gara wiirtuu tokkootti fiduun tajaajilawwan elektirooniksiin (E-service)’tiin walitti hidhamiinsa qaban gosoota tajaajila 138, foddaawwan 12’n hojjetoota damee garaagaraa foddaa duraafi duubaan tajaajilan 125’n ta’aniin gurmeessuun tajaajilli si’ataa, qulqulluufi haqa qabeessa ta’e kennamaa jiraachuu Biitoon Kominikeeshinii Oromiyaa Odeeffannoo AMN Diijitaaliif ergeen beeksiseera.

Magaalichatti galma abbaan dhimmaa manasaa taa’ee tajaajilamuu qaba jedhu milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply