AMN-AMN PLUS Bitootessa 5/ 2017
Biiroon Aadaaf Turizimii Oromiyaa fi Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Miidiyaalee Sirna wal harkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa 72ffaa irratti hirmaachuun uwwisa gahaa kennaniif beekkamtiif galata qopheessan.
Addis Media Network sirna kana tamsaasa kallattii dabalatee qabiyyeewwan biroo fi afaanota gara garaan uwwiisa bal’aa kenneef beekkamtiin waraqaa ragaa kennameef.

Erga fooramiin Miidiyaa Oromiyaa gurmaahee miidiyaaleen hojiilee gaarii hojjechaa jiru kan jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa milkaahinni sirna wal harkaa duudhinsa Baallii Gadaa Booranaas bu’aa kanaati jedhan.
Miidiyaan Aadaa beeksisuufi turizimiif oolchuu keesaatti gahee guddaa gumaachaa jira kan jedhan Hoggantuun Biiroo Aadaaf Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu uwwusni miidiyaan sirna Baallii Gadaa Booranaa 72ffaaf kennan kan galata qabuus jedhan.
Caalaa Barakaatuu Gabaasee.