Addis Miidiyaa Neetwoork raawwii hojii bara bajataa 2017 fi karoora hojii bara 2018 irratti mari’ataa jira

You are currently viewing Addis Miidiyaa Neetwoork raawwii hojii bara bajataa 2017 fi karoora hojii bara 2018 irratti mari’ataa jira

‎AMN PLUS- Hagayya 1/2017

Addis Miidiyaa Neetwoork raawwii hojii bara baajetaa 2017 fi karoora hojii bara 2018 irratti hojjettoota dhaabbatichaa waliin mari’ataa jira.

Marii kanarratti ‎Hojii Raawwachiisaa olaanaa Addis Miidiyaa Neetwork Obbo Kaasaahuun Gonfaa dabalatee hojii raawwachistonni itti aantonniifi itti gaafatamtoonni dameewwan hojiifi hojjettoonni dhaabbatichaa hirmaataniiru.

Raawwii hojii dhaabbatichaa ilaalchisees dhaabbatichi karoora bara bajata 2017’tti raawwachuuf qabateefi karoora tarsiimowaa waggaa 10 waliin raawwii olaanaa galmeessuun isaa gabaasa dhihaate keessatti ibsameera.

AMN ergama itti kenname milkeessuuf odeeffannoowwan amanamoofi waqtaawaa ta’an uummata biraan gahuun sadarkaa magaalaa Finfinneefi biyyaalessaatti miidiyaa dorgomaafi filatamaa ta’aa jiraachuu ibsameera.

‎Dhaabbatichi hojiiwwan misoomaa kanneen akka misooma koriidarii, misooma qarqara lageewwaniifi kanneen biroo akka milka’aniif gahee adda durummaasaa bahaachuun ibsameera.

AMN uummataafi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun rakkoowwan bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaa akka furamaniif hojjii fakkeenyummaa qabu raawwachuunsaa gabaasa dhihaate keessatti ka’eera.

Sagaleen Dhalootaa AMN ijaarsa dhalootaafi biyyaa, hojiiwwan barnootaa, fayyaa, nageenyaafi kanneen biroo utubuu keessatti gaheesaa bahateera.

‎AMN bara baajetaa darbe raawwii hojii olaanaa galmeessuu isaatiin bulchiinsa magaalaa Finfinneerraa beekamtii fi badhaasa argachuun isaa ni yaadatama.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply