AMN PLUS- Guraandhala 03, 2017
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen sadarkaa ijaarsa Giddu Gala Konveenshinii “Addis international” daawwatan.
Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Bara dabre yeroo kana yaadannoo injifannoo Adawaa; barana immoo biyya keenyatti kan jalqabaa, guddaa fi sadarkaa idil-addunyaa kan eeggate ijaarsa “Giddu gala Konveenshinii Addis international” xumuruu irratti argamna” jedhan.
Konveenshinii sadarkaa idil-addunyaa eeggatee fi giddu galli Egiziibiishinii kuni taateewwan guguddoo Afrikaa fi idil-addunyaa keessummeessuu sadrakaa dandeessisuun xumuramaa jiraachuusaa gamaaggamuus eeran.
Hojiilee muraasa hafanis saffisaa fi qulqullinaan xumuruuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.