‎Afgaanistaanitti kirkira lafaatiin namootni 800 ol ta’an lubbuu isaanii dhaban

You are currently viewing ‎Afgaanistaanitti kirkira lafaatiin namootni 800 ol ta’an lubbuu isaanii dhaban

‎AMN PLUS – Hagayya 26/2017

‎Naannoo baha Afgaanistaanitti kirkirri lafaa rektar iskeelii 6 ta’een mudachuu hordofee lakkoofsi namoota du’anii 800 caalee jira.

‎Namoota balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniin ala lakkoofsi namoota miidhamanii kuma Tokkoo fi 300 gahuu isaa Madden oduu mootummaa biyyattii beeksisanii jiru.

‎Manneen naannoo kirkirri lafaa kun itti mudatetti ijaaraman cimina kan hin qabne waan ta’aniif balicha damdamachuu dadhabuu isaaniitiin wal-qabatee lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii dabale jedhameera.

‎Kirkirri lafaa kun sigiga lafaa uumuu akka danda’u ogeeyyiin akeekkachiisaniiru.

‎Kirkirri lafaa kun kaabulii hanga Paaskistaan magaalaa guddoo Islaamaabaaditti fageenya kiilo meetira 300 irratti gamoowwan argaman raaseera jechuun Al-Jazeeraan gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply