“Agarii Tulluu na birratti fannisani, ergan isa dhabee maqaas biyyas jijjiirradhe” Hiriyaa Agarii Tulluu Obbo Hayiluu Ambaawu

You are currently viewing “Agarii Tulluu na birratti fannisani, ergan isa dhabee maqaas biyyas jijjiirradhe” Hiriyaa Agarii Tulluu Obbo Hayiluu Ambaawu

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 17/2017

‎Agarii Tulluu obboloota isaa lamaan waliin yeroo tokkotti wal faana sadii ta’anii fannifamuu hiriyaan isaanii Obbo Hayiluu Ambaawu himan.

Obbo Hayiluun turtii AMN PLUS qophii “Kaariibuu” waliin taasisaniin‎ Finyoon Agariin Tulluu guyyaa san ittiin fannifame hin cite jedhu.

‎Gootummaan Agarii namaaf looguudha kan jedhan Obbo Hayiluun, Agariin eenyuun kan hin sodaanne hirreen isaa cimaa garuu gara laafessa nama rakkateef garaansaa gaddee kan bo’uu ta’uu kaasaniiru.

‎Agariin hiyyeessa jaalata; hiyyeessatti maxxana; gara hiyyeessaatti gora kan jedhan Obbo Hayiluun, garuu nama gara isaa dhufu hunda hin amanu ture jedhan.

‎”Lafti kan waaqaati ” hiyyeessi maaliif namaaf gugguufee bula ofiin hojjetatee jiraachuu qaba malee jechuun Sabaaf sab-lammii osoo adda hin qoodin Abbaa lafaa warra nama miidhan irraa fuudhanii hiyyeessotaaf kennaa turan jechuun dubbataniiru.

Obbo Hayiluun, harki isaanii cabee gara Aagarii Tulluu bira gara Mogor dhaquu isaanii himanii, geerarsa yeroo sanaas akkasiin yaadatu;

‎Minishirii yaa dheeraakoo

‎Sittan hima seenaakoo

‎Rakkannewoo yaa firaa

‎Barri eegicha taateewoo

‎Garasiin lagaa gubannaan

‎Citaaf garaan na citee

‎Haadhoon lamaan waloollaan

‎Firaaf garaan na citee……. jedhanii geeraara akka turan yaadachiisaniiru.

Qabsoo mootummaa Fiwudaala Abbaa Lafaa irratti taasisuun yeroo dheeraaf barbaadamaa ture, guyyaa tokko bakka inni fuula dhiqataa jirutti akkaataa salphaa hin taaneen ofiis miidhamanii qabanii akka deeman dubbataniiru.

‎Agarii Tulluu garuu konkolaataa ittiin fe’amee deemu keessattille dhaadachaa “Dhufte Jabbiloonni Tulluu” jechaa gara mana hidhaa Fiicheetti geeffamee, obboloota isaa lamaan, Irkoo Tulluu karaa Giraar Jaarsootti, Jimaa Tulluu immoo karaa Abootee irratti

‎Agarii Tulluu karaa Leemman irratti sadii ta’anii fannifamuu isaanii himaniiru.

‎Haati reeffa awwallachuuf wayita gaafatanitti dhowwachuun hanga sa’aatii 9’tti fannoo irra tursanii sa’aatii 10:00tti akka buusanii awwaalan taasisuu dubbataniiru.

Obbo Hayiluun ‎yeroo hiriyaa isaanii dhabanitti maqaa isaaniis tahe bakka jureenyaa isaanii jijjiiratanii Gamoo Goofaatti galani.

Ofii qiixxa’ataa harka isaaniin tolfatanii nyaatanii bulaa turuu kaasanii, dhiy enya garuu biyya koo naaf wayya jedheen gara kanaatti deebi’e jedhan.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply