Agarsiisni imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota 7n darban qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa’ee guyyoota sadan darban agarsiifamaa ture bakka hooggantoonnifi keessummoonni garaa garaa argamanitti goolabameera.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa sagantaa cuufiinsaa kanarratti haasaa taasisaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin ture qolachuun Imala Badhaadhinaa waggoota Torban darbeetiin injifannoowwan gurguddoo egeree Oromiyaa bu’uura jabaa irratti ijaaruu danda’an galmeesseera jedhan.
Egzibiishiniin qindoomina Biirolee, dhaabbilee garaa garaafi magaalaa Shaggariin agarsiifamaa ture maqaa gaarii naannoo Oromiyaa kan olkaase ta’uus dubbataniiru.
Kanaanis bu’aawwan imala Badhaadhinaa waggoota 7n darbe galmaa’e irratti hojiin Kominikeeshiniifi miidiyaa bal’inaan hojjetamuun ijaarsa maqaa gaariif ooleera jedhan.
Imalli badhaadhinaa eegalle ragaan deeggaramuun ijaarsa egereef bu’uura kaa’aa jiraachuu sagantaa itti agarsiifame ta’uus obbo Hayiluun kaasaniiru.
Agarsiisichi Biiroleen hojmaata ragaa kuusuu, tursiisuufi agarsiisuu akka shaakalan kan taasise barnoota wal irraa akka barataniif kan gargaare ta’uus ibsaniiru. Ragaawwan ammayyeessuu wajjin wal qabatees ijaarsa dijjitaal Oromiyaaf haala mijaawaa uumeera.
kana malees Biiroleen hojii isaanii irratti iftoomina uumuufi tajaajilamaa irraa yaadaaf galtee hojii fudhachuuf kan gargaare sagantaa waloomaan milkaa’e ta’uu Obbo Hayiluun ibsaniiru.
Obbo Hayiluun Ogeessota miidiyaafi hojiiwwan agarsiisaaf qophaa’an karaa madaala isaa eegeen maqaa gaarii Oromiyaa olkaasuu keessatti gumaachan galateeffachuusaanii BKO irraa odeeffanne.





See insights and ads
All reactions:
5353