Badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf ifaajii Masqala argachuuf taasifame akka fakkeenyaatti fudhachuun, akka Damaraatti waltumsinee hojjechuu barbaachisa jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Kantiibaa Adaanech sirna kabaja ayyaana Damaraa/Ibsaa Masqalaa Finfinneetti kabajame irratti argamuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Akka biyyaatti dukkana barootaa kan ibseefi uummanni biyyattii akka damaraatti ida’amuun kan ijaaran Hidhi haaromsaa yeroo goolabametti ayyaanni Ifa Masqalaa kabajamaa waan jiruuf gammachuu ayyaanichaa dacha taasisa jedhaniiru.
Finfinneen yeroo gara yerootti miidhagaafi ammayyaa’aa jirtu ayyaanotaaf faaya dabalataa ta’aa akka jirtu himuun, Addababa’ii Masqalaa hirmaattota ayyaanotaaf mijataa gochuun gumaachuu yaadachiisaniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaanonni Addababa’ii Finfinneetti kabajaman walooma jiraattotaa akka cimsu amantaa guutuu waan qabuuf kunuunsee dhalootatti dabarsuuf ni hojjeta jedhan.
Itoophiyaa hiyyuma keessaa baasuun badhaadhina biraan gahuun akkuma barbaacha Masqalaa san dadhabbiifi ifaajii yeroo dheeraa gaafatus, akkuma guca damaraa walitti ida’amuun barbaada jedhan.
Warren Masqala barbaadan, kosiifi tuullaa bara dheeraa diiganii akkuma argatan, nutis waltaanee badhaadhina Itoophiyaa ha mirkaneessinu jechuun ergaasaanii dabarsaniiru.
Tagany Bafiqaaduutu gabaase