Albamiin muuziqaa mata duree “Hibboo?” jedhuun qopheesse kennaa bara haaraa uummataaf gumaache ta’uu Wellisaa Leencoo Guddinaa (LG) hime.
Wellisaa Leencoon AMN Digital waliin turtii addatti taasiseen, albamii jalqabaa kana dhugoomsuuf “Ifaajii waggaa lamaaf walakkaa natti fudhateera” jedhe.
Waggaa sadii dura sirba qeenxee “Sin Baasu” jedhuun uummata waliin walbare. Itti aansuun “Sin Mararuu” kan jedhu itti ida’e, ji’a jaha duras sirba qeenxee 3ffaa “Na Komattaaree” jedhu lakkisuun jaalatamummaa guddaa horateera.
Albamiin isaaf kan jalqabaa ta’e kunis fedhii hordoftoota isaa akka guutuuf hedduu akka itti dhama’e kan himu Wellisaa Leencoon, “Fudhatamummaa sirboota qeenxee koon argadhe yoon ilaalu, uummatni waan guddaa akka narraa eegu anuu nan hubadha” jedheera.
Moggaasa maqaa “Hibboo?” jedhu akkamiin akka filate gaaffii kaasneef Leencoon yoo deebisu, “Hibboon afoola Oromoo keessaa tokko, Afoolaan ammoo waan baayyee baratta, ittiin wal barsiista, kanaafis albama kiyya keessaa waan baratamu hedduun jira” jedheera.
Albamni kun sirboota 14 kan qabu yoo ta’uu bashannansiisaa ergaa kan dabarsudhas jedha. “Hibboon waan hunda akka gaaffiitti kan kaaftee waliif deebistu akkuma ta’e hawaasni akka gaaffiitti kan eege albamicha keessaa argata” jedheera.
Tiraakiiwwan 14 kanneen keessaa sirbootni rukuttaa aadaa qaban torba akka ta’an himuun, kaan isaanii ammoo rukuttaalee warreen madaqfaman ta’uu himeera.
Albamni hirmaannaa ogeeyyii hedduu akkuma barbaadu Leencoonis ogeeyyii industirii muuziqaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiran akka hirmaachise AMN Digital’f himeera.
Gama qindeessuutiin Antenee Tafarra, Efireem Birqinee Urgaa, Latii Olii, Iyyoob Baalchaa yoo hirmaatan, Gama Walaloo fi Yeedalootiin, Leencoo ofii isaa dabalatee Girmaa Tashoomaa, Kee’ol Nagaasaa, Lalisaa Indiris, Zaraa Biruuk, Zeenuu Mahuba, Isqiyaas Mazammiriifi Ibiddoo Galaan hirmaataniiru.
Boraatii Art Promotion hojii sirna lakkisa albamaa kana hoogganuun itti gaafatamummaa fudhateera.
Albamichi Hagayya 25 bara 2017 Hoteela Iskaayi Laayititti bifa addaan akka eebbifamu Wellisaa Leencoo Guddinaa yaadachiiseera.
Tagany Bafiqaaduutiin