Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp waliigaltee nagaa Raashiyaa fi Yukireen gidduutti taasifamuu malu hordofuun Kiyeeviif wabii nageenyaa mirkaneessuuf jecha gara daangaa Yuukireenitti loltoota hin ergu jechuun ibsiteetti.
Waraana kana dhaabuuf tattaafachaa jirra kan jedhan Tiraamp, waraana biyyoota lamaanii irratti yoo waliigalteerra ga’ame, Yuukireeniif deeggarsa qilleensaa akka taasisan beeksisaniiru.
Pireezidaantichi gaaffiifi deebii Fox News waliin taasisaniin, Ameerikaan marii kallattiin nagaa biyyoota lamaanii gidduutti taasifamu keessatti taajjabuu irra kan darbe gahee biraa akka hin qabaanne himaniiru.
Tiraamp kana kan dubbatan pireezdaantii Yuukireen Volodmiir Zeleniskii fi hooggantoota Awurooppaa waliin Wiixata darbe erga Waayit Haawusitti wal arganii mari’atanii booda.
Pireezidaantiin Yuukireen, gita isaanii Raashiyaa Tiraamp wajjin mari’achuuf walii galanis, gama Kireemiliinii hamma hammaatti waan jedhame hin jiru.
Pireezidaantiin Faransaay Maakroon, Yuukireeniin ni hidhachiisna jedhanii dubbatanii turan.
Hanga’ootni Awurooppaa deggersa Yuukireeniif qaban agarsiisaa jiraatanillee, ejjennoonn qabatanii jiran ifa miti jechuun The New York Times gabaaseera.
Kana irratti yaaddoo qaban kan ibsan Tiraamp, “Puutiin waraana kana dhaabuuf fedhii guutuu qabaachuu fi dhiisuu isaa torbeewwan dhufan keessatti ni beekna” jedhan.
Puutin marii Alaaskaa irratti Zeleniskii waliin wal arganii haasa’uuf fedhii qabaachuu isaanii ibsanis, ibsi Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov guyyaa itti aanutti kennan garuu abdii nagaa kamiyyuu kan dukkaneesse akka ture sabaa himaaleen gabaasaniiru.
Ministirri kun haasaa isaanii keessatti hoggantoonni walga’uu isaanii dura dhimmoonni sadarkaa ogeeyyii fi mariisistootaatti ilaalamuu qaban akka jiran ibsaniiru.
Dhimmoota walxaxaa kanneenii fi kanaan walqabatan irraa kan ka’e, mariin waraana kana xumuruuf gahee guddaa qaba jedhamee abdatamw yeroo biraatti darbuu akka danda’u gabaafameera.
Malkaamuu Abbabaatiin