Amerikaan Waraana Israa’eel-Iraanitti makamte

You are currently viewing Amerikaan Waraana Israa’eel-Iraanitti makamte

AMN PLUS- Waxabajjii 15/ 2017

Amerikaan waraana Israa’eliifi Iraan gidduu deemaa jirutti makamuu kan mul’isu haleellaa boombii gurguddaa Giddugaloota Nuukilaraa sadiirratti raawwachuu dhagahame.

Iraan gamasheen haleellaa Amerikaa booda misaa’ela hedduu gara Israa’elitti dhukaasuu eegalteetti. Jerusaalem keessattis sagaleen dhoohiinsaa gurguddaan dhagahamuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp haleellaawwan boombii Iraan irratti taasifaman “milkii waraanaa guddaa” jechuun ibsan.

Tehraan gara nageenyaatti hin dhuftu taanaan haleellaan kanarra hammaatu akka itti fufu dubbatan.

Miidiyaaleen Iraan, haleellaan US kun miidhaa guddaa akka hin geessisne eeruun Giddugala Nukilaraa Foordoo jedhamu qofa irratti holqawwan lama jijjiguu ibsaa jiru.

Ejensiin Anniisaa Atoomawaa Addunyaa ammoo haleellaa kana booda hammeentaan raadiyeeshinii Giddugaloota Nuukilaraa Iraan bakkuma duraarra akka jiru hime.

Iraan haleellaa kana dura ibsa laatteen, Amerikaan yoo waraana kana gidduu seente fedhiiwwan biyyaalessaa isheen Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu nan haleela jettee turte.

Baha Giddugaleessaa keessatti Amerikaan Buufataalee Waraanaa dabalatee iddoowwan fedhii biyyaalessaa 20 ol qabdu Iraan haleeluu akka dandeessu ibsameera.

Miseensonni Diimokiraatii Koongirasii Amerikaa, Tiraamp eeyyamaafi beekamtii Kongirasii malee biyya walabaa irratti haleellaa raawwachuu isaaniif qeeqan.

Barreessaan UN Antooniyoo Gutareez “Amerikaan lola kana keessatti hirmaachuun rakkoo jiru caalmaan hammeessa” jedhan.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply