‎AMN Istuudiyoo haaraa eebbisiisuun sagantaa haaraa AMN 24/7 eegalchiise

You are currently viewing ‎AMN Istuudiyoo haaraa eebbisiisuun sagantaa haaraa AMN 24/7 eegalchiise

‎AMN PLUS- Qaammee 2/2017

AMN magaalaa Finfinnee ammayyaawaa deemtu faana of ammayyeessaa fooyya’insa qabiyyeefi bifiyyee taasisuun bara 2018’tti haala addaan dhufuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasahun Gonfaa himan.

‎Addis Miidiyaa Neetwork Istuudiyoo haaraa ijaarsise eebbisiisuun sagantaa haaraa AMN 24/7 jalqabsiisee jira.

‎Sirna eebbaa kana irratti Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa, Miseensi Boordii AMN Biraanuu Leenjisoo (Dr) argamaniiru.

‎Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa, AMN magaalaa Finfinnee fi jiraattotashee torban guutuu sa’aatii 24 tajaajiluuf onnatee hojjechaa akka jiru himan.

AMN Sagaleen Dhalootaa, magaalaa Finfinnee ammayyaawaa deemte faana of ammayyeessuun fooyya’insa qabiyyeefi bifiyyee taasisuu ibsuun bara 2018’tti haala addaan akka dhufus beeksisan.

Hawaasni akka yaada kennuufi hirmaatu akkasuma AMN hordofu dhaamaniiru.

Addis Miidiyaa Neetwork Afaanota 7’n TV, Raadiyoo fi Gaazexaa Addis Lissaaniin filmaatilee miidiyaa garaa garaan hordoftoota isaa bira kan gahu yoo tahu miidiyaa Meetiroopoolitaan Afrikaa Bahaa tahuuf cimee hojjataa jira.

Malkaamuu Abbabaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply