Addis Miidiyaa Neetiwoork madda odeeffannoo filatamaa ta’uun gamatti itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuu cimsee kan itti fufu ta’uu Hoji raaweachiisaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsan.
AMN daa’imman baasii isaanii danda’ee barsiisuufi harka qalleeyyiif maaddii qoodeera.
Obbo Kaasaahun tokkummaa fi wal deggeruun aadaa Itoophiyaanotaa ta’uu himuun, Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa xumuramee eebbifame agarsiistuu tokkummaa ta’uu yaadachiisan.

AMN yeroo hunda of haaromsuu fi ijaarsa dhalootaaf gumaacha olaanaa akka taasisaa jiru eeruun hojiiwwan tajaajila hawaasummaa eegalamanis cimsee akka itti fufu beeksisaniiru.
Sagalee Dhalootaa kan ta’e AMN sagalee biyyaalessaa ta’uu isaa daran mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiruun ijaarsa biyyaa keessatti maqaa isaa galmeessisaa akka jiru ibsuun ammas of ammayyeessuun qabiyyee haaraan ummatatti dhiyaachaa akka jiru addeessaniiru.
Qaamoleen deeggarsa argatan gama isaaniitiin AMN ergama hundeeffame irraa jalqabee gargaarsa isaaniif taasisaa jiruuf gammachuu fi galata qaban ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin