AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018
Addis Miidiyaa Neetiwoork (AMN) madda odeeffannoo filatamaa taasisuun amanamummaafi naamusa gaariin hawaasa tajaajiluuf hojjetamaa akka jiru Sadarkaa Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaatti Hogganaan Damee Bulchiinsa AMN Obbo Geetaachoo Daadhii ibsan.
AMN humna namaa naamusa, dandeettii, ilaalchaafi beekumsaan gahoomsuuf hoggantootaafi ogeeyyiif leenjiin itti fufiinsaan kennamaa akka jiru ibsaniiru.
Sagalee Dhalootaa kan ta’e AMN mootummaafi uummata gidduutti riqicha ta’uun hojjechaa akka jiru eeruun kenniinsa tajaajilaan wal-qabatee rakkoon bulchiinsa gaarii akka furmaata argatu taasisuuf hojiin qabatamaan hojjechaa jiru furmaata ta’aa jiraachuu Obbo Geetaachoon dubbataniiru.
Hawaasa amanamummaafi haqaan tajaajiluuf hoggantootaafi ogeeyyii naamusa gaarii qaban horachuun akka barbaachisu AMNtti Daayirektarri Daayirektooreetii Naamusaafi Farra malaamaltummaa Aadde Hiruut Tsaggaayee dubbataniiru.
Ergama kanas galmaan gahuuf Hoggantoota sadarkaan jiraniifi ogeeyyiif leenjiin itti fufiinsa qabu akka eegalames ibsaniiru.
Haggantoonnifi ogeesoonni dhaabbatichaa qabiyyeewwan malaamaltummaa hambisan irratti akka xiyyeefatanis akeekameera.
Shuumii Badhaasootiin