AMN nageenya, misoomaafi ijaarsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gaheen inni bahaataa jiru muuxannoon kan irraa horatamu ta’uun himame

You are currently viewing AMN nageenya, misoomaafi ijaarsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gaheen inni bahaataa jiru muuxannoon kan irraa horatamu ta’uun himame

AMN PLUS Ebla 28/2017

AMN nageenya, misoomaafi ijaarsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gaheen inni bahaataa jiru muuxannoon kan irraa horatamu ta’uu ogeeyyiiwwan miidiyaafi kominikeeshinii himan

Ogeeyyiiwwan miidiyaafi kominikeeshiinii magaalaa Finfinnee sochiiwwan hojii walii galaa Addis Miidiyaa Neetwork (AMN) daawwataniiu.

Hojiin AMN gama ijaarsa nageenya, misoomaafi bulchiinsa gaarii mirkaneessuun hojjetaa jiru muuxannoon kan irraa horatamu ta’uu himan.

Diijitaal miidiyaan AMN carraawwan miidiyaa hawaasaa garagaraa fayyadamuun oduufi odeeffannoo, qophilee barsiisaa bohaarsan tamsaasuun hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaa, dhalootas ijaaraa jiraachuu kaasan.

AMN teeknolojii ammayyaa hidhachuun, humna namaa gahumsa qabu horachuun, qabiyyeewwan haaraa qopheessuufi afaanota garagaraan tamsaasuun hawaasa biratti miidiyaa dorgomaafi filatamaa ta’aa jiraachuu eeran.

Dijitaal miidiyaan AMN biraandii haaraa ‘ Link Addis’ jedhuun qabiyyeefi filannoowwan miidiyaa hawaasaa hundaan tamsaasuuf qophii taasisaa jiraachuun isaas magaalaa Finfinneef carraa gaariidha jedhan.

Hojii raawwachiisaa itti aanaafi Hoogganaan Damee Dijitaalaafi Maxxansaa Obbo Xilaahuun Kaasaa ogeeyyiiwwan kunneen AMN irraa muuxannoo qooddachuun isaanii sochiiwwan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa magaalattii gahumsaan gabaasuuf ni gargaaraan jedhan.

Fuula durattis qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi dhaloota ijaaruurratti xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Wandimmaagany Asaffaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply