Addis Miidiyaa Neetwork MN bara bajataa 2017 raawwii olaanaa galmeesseen badhaafamaa addaa ta’eera.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qorannoo raawwii hojii bara 2017 fi marii karoora hojii bara baajataa 2018 irratti taasisaa ture xumureera.
Bulchiinsi magaalichaa bara bajatichaatti dhaabbileefi kutaalee magaalaa raawwii olaanaa galmeessaniif badhaasaafi beekamtii kenneera.
Kanneen keessaa sagaleen dhalootaa AMN raawwii olaanaa galmeessuun badhaafamaa addaa taheera.
Dhaabbilee Mootummaa magaalichaa keessaa
Biiroon Dizaayiniifi ijaarsaa – Sadarkaa 1ffaa
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii- Sadarkaa 2ffaa
Biiroon Maallaqaa Magaalichaa – Sadarkaa 3ffaa
Biiroon Barnootaa Magaalichaa – Sadarkaa 4ffaa akkasumas
Biiroon Komunikeeshinii Magaalichaa Sadarkaa 5ffaa bahuun badhaasaafi beekamtii argataniiru.
Kutaalee Magaalaa keessaammoo
Kutaan Magaalaa Boolee – Sadarkaa 1ffaa
Kutaan Magaalaa Lammii Kuraa – Sadarkaa 2 ffaa akkasumas
Kutaan Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo – Sadarkaa 3ffaa bahuun badhaafamaniiru.
Kutaan Magaalaa Boolee waggoota sadan darbaniif walitti aansuun raawwii olaanaa galmeessuun badhaasaafi beekamtii argateera.
Dhaabbileefi kutaaleen Magaalaa raawwii olaanaa galmeessanis konkolaataa, waancaafi waraqaa ragaa badhaafamaniiru.
AMN raawwii olaanaa bara bajataa 2017’tti galmeesseef badhaafamaa addaa ta’eera.