AMN umrii xiqqaan hojii ajaa’ibaa hojjechaa akka jiru Walitti qabaan Boordii AMN fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa dubbatan.
AMN Istuudiyoo haaraa eebbisiisuun Sagantaa 24/7 jalqabsiisuun isaa jijjiirama guddaa keessa jiru agarsiisa kan jedhan Obbo Mogas, akkuma maqaa isaa sagalee Dhalootaa tahuun waan dhalootni barbaadu dursee hubachuun hojii gurguddaa akka hojjataa jiru ibsaniiru.
Yeroo gabaabaa keessatti bu’uuraalee misoomaa babal’isuun qofa osoo hin taane qabiyyeewwan irrattis fooyya’insa gochuun hordoftoota isaa biratti filatamaa ta’aa akka jiru ibsan.
Miseensi Boordii AMN Biraanuu Leenjisoo (Dr) gama isaaniin qabiyyeewwan haaraan AMN24/7 qophaahan haala qabatamaa magaalaa Finfinnee waliin kan deemu ta’uu himan.
Finfinnee jijjiirama keessa jirtu beeksisuurra darbee guutuu biyyaatti aadaan hojii jijjiiramuu akka qabu, hojiin ajaa’ibaa AMN hojjate fakkeenya gaariidha jedhan.
AMN har’a istuudiyoo haaraa kan eebbisiisee tajaajila jalqabsiise yommuu ta’u, Sagantaa haaraa AMN24/7 jalqabsiiseera.
Malkaamuu Abbabaatiin