AMN PLUS- Amajjii 20/2017
Biiroon Haqaa Magaalaa Finfinnee ji’oottan jahan darbanitti mirgaafi faayidaa bulchiinsa magaalichaa Birrii Biliyoona 1.7tti tilmaamamu kabachiisuu beeksise.
Biirichi bakka qooda fudhattoonni argamanitti gamaggama raawwii hojii ji’a jahaa gaggeessaa jira.
Ji’oottan jahan darbanitti galmeewwan kuma 4f 741 falmiif dhiyaatanii, kanneen keessaa galmeewwan 1895 mana murtiitti dhiyaachuun murtii yoo argatan kanneen keessaas galmeewwan kuma 1f 766n mirgaafi faayidaa birrii biliyoona 1.7tti tilmaamamu bulchiinsa magaalaa Finfinneef murteeffamuun ibsameera.
Darajjee Bayyanaatu gabaase